Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
Shaalii
GAO

"rikaa" ilaalaa.

Shaalla'uu go.
GAO

dubbiin nuffisiisuu.

shaallala ma.
GAO

onnee namaa kaasuuf, tuttuquuf weedduu dhageessisa, geerara.

shaallaluu go.
GAO

onnee namaa kakaasuuf weeddisuu, geeraruu.

shaallessuu go.
GAO

akka garaan hammaatu gochuu, akka lollojjiin itti dhaga'amu gochuu.

shaalloo 1 ma.
GAO

garaan nama hammeenya, lollojjii.

shaalloo 2 ad.
GAO

bifa booraafi adii gidduu jiru.

shaamaa 1 ma.
GAO

uffata kirriin isaa jabaatu,kan nama irraa sololaatu, yookiin loowu.

shaamaa 2 ma.
GAO

waan adii akka ulee qal'atu, kan keessi kirrii, kan baqaa boba'u.

shaamizii ma.
GAO

uffata haphii yeroo baay'ee kootii jalaan uffatan, kan fuundurri aziraariidhaan (qulfiidhaan) qollof...

shaanaa
GAO

"raafuu" ilaalaa.

shaanii ma.
GAO

tapha funyoo mataa lamaan baala yookiin waan mataa namaatii ol jirutti hidhamee jidduu taa'anii asii...

shaanshama ad.
GAO

sirriitti kan bilchaate.

shaanshamuu go.
GAO

sirriitti bilchaachuu; Shaanshamullee shaanaan shaanuma.

shaara 1 ma.
GAO

udaan dhadhaa, antaa; Dhadhaa qulqulluun shaara hinbaay'atu.

shaaraa 2 ma.
GAO

kiyyoo baalleefi foyaa irraa qophaa'ee gogorrii ittiin qaban.

shaashaatee 1 ad.
GAO

nama hammeenya garaa hinqabne, tabataa, kokkolfaa.

shaashaatee 2 ma.
GAO

jifaara gurratti kaawwatan, gutichaa, lootii.

shaasharrii ma.
GAO

meeshaa akka hordaa kan baallaa isaatti sibiila qara qabu itti kaayanii lafa ittiin diddiqan.

shaashii 1 ma.
GAO

carqii haphii bifa adda addaa kan dubartiin mataatti hidhattu.

Sponsors