Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
sakatta'a ma.
GAO

waan dhokate yookiin nijira jedhamee yaadamu tokko arguuf barbaada, barabbara.

sakatta'amuu go.
GAO

waan tokko nama irraa barbaadamuu, barabbaramuu, fattashuu.

sakatta'uu go.
GAO

waan dhokate yookiin nijira jedhamee yaadamu tokko arguuf nama irraa'barbaaduu, barabbaruu, fattashu...

sakeraa ma.
GAO

dhibee gammoojjii, tan yeroo bookeen nama ciniintu nama qabdu, urguftuu yookiin busaa yeroo baay'ee ...

sala ma. (qaanii)
GAO

wal godhiisa dhiiraafi dubartii, waliin rafiisa dhiiraafi dubartii, raaya.

salaaa
GAO

"salaamata" ilaalaa.

salaata ma.
GAO

seera Islaamummaa keessatti nafa adda addaa dhiqachuudhaan akkasumas qalbii tokko godhachuudhaan gar...

salamtuu ad. (gaanii)
GAO

tan dhiira wajjin (yeroo baay'ee) raftu, tan godhamtu.

Salamuu go.
GAO

raftu, tan godhamtu. Salamuu dhiiraan raayamuu, godhamuu.

salaqa ma.
GAO

quncee yookiin qola mukaa, kan muka irraa ka'e yookiin became, solloqa.

salchiisuu
GAO

"salsiisuu" ilaalaa.

saleena ma.
GAO

Mi'a meexxii irraa qophaawu, kan mana keessa afatanii irra rafan yookiin midhaan irra afatan, jibbaa...

salgaffaa ad.
GAO

kan tarree sagal guutuu irratti argamu; Yeroo saddeeti beekeeti, salgaffaa irratti wallaale.

Salgan 1 ad.
GAO

1.waan sagal ta'an, guutuu; Sagal ta'anii duulaniiti salganuu galan. 2. gara sagal yookiin sagalitti...

Salgan 2 ma.
GAO

booyicha guyyaa namni tokko du'e irraa qabee amma guyyaa sagalitti kan taa'an.

salgee
GAO

"salgii 1" ilaalaa.

salgii 1 ad.
GAO

nama waggaa sagaltamaa.

salgii 1 ma.
GAO

duuba morma namaa, qucee, saggee (saggoo).

Saliita ma.(qaanii)
GAO

akka salu yookiin salamtu goosisa.

sallamsiisuu go.
GAO

Islaama taasisuu. Islaama taate.

Sponsors