Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
quwachuu go.
GAO

dubbii sirriitti qorachuu; Otoo homaa hindubbatin waayee namichaa quwachuu barbaachisa.

quwee ma.
GAO

sagalee mukni dhagaraadhaan falaxamu dhagees isu.; "Dhagaraa ergisanii quwee isaa hincaqasanii"

quwusa
GAO

"quyisa" ilaalaa.

quwusuu
GAO

"quyisuu" ilaalaa.

quwuu go.
GAO

mataa keessa gadi rukutuu.

quxusuu
GAO

"quxisuu" ilaalaa.

quxxii ma.
GAO

baala bunaa kan akka baala shayiitti Jiruu irra oolu; Quxxii waan wajjin danfiseeti dhuge.

quxxisuu go.
GAO

waan xinnaafi guddaaf nyakkissuu, sassatuu.

quyifachuu go.
GAO

quyisa dibachuu, of tolchuu; Quyisa urgaawu bitteeti ganama ganama quyifatti.

quyifamuu go.
GAO

quyisa dibamuu.

quyisa ma.
GAO

waan nama cululuqsu, dibata; Mi'a quyisaa  jalaa  cabse.

quyisiisuu go.
GAO

quyisa akka argatu gochuu.

quyisuu go.
GAO

quyisa dibanii bareechuu; Haati  ijoollee quyistu malee adi  hinlakkiftu.

R,r
GAO

qubee Oromoo tarree kudha saddeettaffaa irratti argamu.

raabsa ma.
GAO

1. barre ffama, mi'a yookiin waan tokko iddoo tokkoo fuudhanii iddoo biraatti hira, facaasa.

raabsachuu go.
GAO

waan tokko hirachuu, facaafachuu.

raabsamuu go.
GAO

waan tokko iddoo tokkoo fuudhamee iddoo biraatti hiramuu, facaasamuu.

raabsisuu go.
GAO

akka arabsu gochuu.

raabsuu go.
GAO

hiruu, facaasuu; Inni  gaazexaa raabsa.

raacha ma.
GAO

lubbuu xixinnoo bishaan keessa yookiin lafa irraa jiraattu, tan yeroo lafa irra adeemtu ol uutaaltu,...

Sponsors