Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
qurceessuu go.
GAO

qurcii taasisuu; Muujaleetu quba qurceesse.

qurchaa'uu
GAO

"qurcaa'uu"  ilaalaa.

qurchuu
GAO

"qurcuu" ilaalaa.

qurcii ma.
GAO

dhibee gogaa namaa qurceessu yookiin quba doolessu, nadaayii; Qurciitu quba irraa fixe.

qurruxii
GAO

"fakkii" ilaalaa.

qurundee ma.
GAO

timboo nama nacheessu, kan gaayyaatti naqatanii xuuxan.

qurxa ma.
GAO

addaan mura.

qurxii ad.
GAO

jala deebii yookiin seesa kan hinqabne; Garaan qurxii hinqabne diina abbaati.

qurxisiisuu go.
GAO

akka qurxu gochuu.

qurxumaata
GAO

"dhaqna nyaataa" ilaalaa.

qurxummii ma.
GAO

uumamaa bishaan keessa jiraatu, kan foon isaa nyaatamu; Foon qurxummii yeroo soma hinlagatamu.

qurxuu go.
GAO

1. muranii gargar baasuu; Gudeelcha qurxeeti abidda keessa keeirwate. 2. qotisa  keessa deebi'anii ...

qurxxa ma.
GAO

qotiisa baqaqsaatti aanu, keeesa deebii .

qusacha
GAO

"qusata"  ilaalaa.

qusachiisuu go.
GAO

akka qusatu gochuu.

qusachuu go.
GAO

keewwachuu,  xixinnee sanii ittiin maayii bawuti; Inni qarshii qusachuutti jabaadha.

qusannoo ma.
GAO

waan qaban boruuf jecha kuusacha; Qotee bulaan qusannoo jabeessuuf oomisha guddisaatti jira.

qusata ma.
GAO

xinneessanii maayii ittiin baya,  ol  keewwacha; Inni qusata qarshii hinbeeku.

qusatamuu go.
GAO

ol keewwatamuu; Bona midhaan yoo qusatame, ganna maatiin hinbeela'u.

quuba ma.
GAO

waan barbaachisu sirriitti argacha.

Sponsors