Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
qubachiisuu go.
GAO

akka qubatu gochuu; Inni kanniisa gaagura lama qubachiifate.

qubachuu go.
GAO

1. irratti bu'anii taa'uu (keessattuu waan barrisuufi Allaattiin muka irra qubatte. 2. iddoo tokkott...

qubannaa
GAO

"qubacha"  ilaalaa

qubdiqqaa
GAO

"moggee" ilaalaa.

qubee 1 ma.
GAO

amartii qubaa; Fuudhaaf qubee intalatti keewwate.

qubee 2 ma.
GAO

arfii yookiin fidala; Qubee Oromoo, Qubee Amaaraa, w. k.f

qubee margaa ma.
GAO

amartii yeroodhaaf durbatti keewwatan; Durbi qubee margaa itti keewwatan hinabdatamtu.

qubeeffamuu go.
GAO

mallattoon qubaan irra keewwamuu, barreeffamuu, katabamuu.

qubeelaa
GAO

"qubee" ilaalaa.

qubeeluu go.
GAO

qubee itti kaawwachuu.

qubursaa ma.
GAO

gosa raammoo kan biyyoo,  keessattuu dikee keessa jiraatu,  kan lafa gabbisu;  Lafti gabbate qumb...

quca'uu go.
GAO

adabuu; Hattuu sana jaawwii shan quca'e.

qucala ad.
GAO

waan xiqqisha yookiin xinnoo; Hoolaan ilmoo quxala dhalte.

qucisuu ad.
GAO

booda kan dhalate, Obboleessa quxisuu hinqabduu?

qudaa ma.
GAO

jimaa yoo nyaatan. nama mirqaansu yookiin. macheessu; Qudaa qaameeti machaa'e.

qudhamsiisttu
GAO

"qundhamsiisuu" ilaalaa.

qudhamuu
GAO

"qundhamuu" ilaalaa.

qudhuu
GAO

"qundhuu" ilaalaa.

qufa'a ma.
GAO

sonba keessaa waan hinbarbaadadamne afuuraawajjin baasa.

qufa'uu go.
GAO

Waan hinbarbaadamne afuuraa wajjin onba keessaa baasu ; Qufa'eeti akkii tufe.

Sponsors