Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
qochola ma.
GAO

dubbii barbaacha.

qocholaa
GAO

"qochola" ilaalaa.

qocholamuu go.
GAO

dubbiin yookiin gochaan tuqamuu.

qochollaa
GAO

"qochola" ilaalaa.

qocholloo ma.
GAO

dubbii yookiin gocha nama mufachiisu.

qocholsiisuu go.
GAO

akka qocholu gochuu.

qocholuu go.
GAO

nama tuquu, dubbii barbaaduu.

qochumaa ma.
GAO

garaacha ijji dhaaba dammaa fakkaatu.

qocisiisuu go.
GAO

akka qocu gochuu.

qocolamuu
GAO

"qocholamuu" ilaalaa.

qocoo
GAO

"hoolaa" ilaalaa.

qocqocaa ma.
GAO

corqaa yookiin qaaraa qimamii wajjin daakamee dafaqame.

qocqocuu go.
GAO

qocqocaa qopheessuu.

qocuu go.
GAO

xixinneessanii walitti baay'isuu, funaanuu; Bishaan qocu malee dubbii hinqocani.

qodaa ma.
GAO

mi'a manaa; Qodaa manaa keessaa hubboo qobaa qabdi.

qoddoo ma.
GAO

biqiltuu fooliin urgaawuu, harrittaa.

qodha ma.
GAO

waadaa kennuuf qalan, wareega.

qodiroo
GAO

"qooddiroo" ilaalaa.

qofa 1 da.go.
GAO

kana dura; qofa dhufeeti horii fudhate.

qofa 2 ad.
GAO

miiltoo malee, qobaa; Isa qofa waame.

Sponsors