Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
qixxeessuu go.
GAO

1. ija tokkoon ilaaluu yookiin wal dabarsuu dhiisuu. 2 . guuranii fiixuu.

qixxisuu go.
GAO

olii gadi jooruu, olii gadi xallisuu.

qiyaasa ma.
GAO

dheerina yookiin bal'ina beekuuf lakkaawa yookiin tilmaama.

qiyaasamuu go.
GAO

hammummaan beekamuu yookiin tilmaamamuu; Lafni erga qiyaasamee bool'i qotame.

qiyaasii ma.
GAO

hammam ta'uu isaa lakkoofsa yookiin ilaalcha.

qiyaasisuu go.
GAO

akka qiyaasamu gochuu; Maandisii fideeti lafa dallaa qiyaasise.

qiyaasuu go.
GAO

hammam akka ta'e beekuuf safaruu yookiin lakkawuu.

qobaa 1 da. go.
GAO

waan biraa kan of biraa hinqabne; Qobaan manaa dhufe.

qobaa 2 ad.
GAO

kan biraa keessaa; Isa qobaatu yaa'ii dhufe.

qobachuu
GAO

"qolachuu" ilaalaa.

qobboo ma.
GAO

1. gosa mukaa kan ijji (fireen) zayitii bawu. 2. maqaa biyyaa.

qoca ma.
GAO

waan akka bishaanii xinneessanii  walitti  funaansa; Qoca waraabbatteeti ganamaan galte.

qocaa ma.
GAO

bineensa lafa irra yookiin  bishaan  keessa jiraatu, kanqolli dhaqnaa dhagaa fakkaatu; Mataa keess...

qoccola
GAO

"qochola" ilaalaa.

qoccolamuu
GAO

"qocholamuu" ilaalaa.

qoccollii
GAO

"qocholloo" ilaalaa.

qoccolloo
GAO

"qocholloo" ilaalaa.

qoccoluu
GAO

"qocholuu"  ilaalaa.

qoccoo
GAO

"warqee" ilaalaa.  "hammichoo" ilaalaa.

qochobaa
GAO

"qochumaa" ilaalaa.

Sponsors