Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
qaamamuu go.
GAO

afaaniin siphatamuu, afaan guutamee nyaatamuu.

qaamawuu go.
GAO

bifa dhabuu, coollaguu; Ilmoon hoolaa yoo qaqqabatan niqaamofti.

qaamessuu go.
GAO

akka bifa dhabu, huqqatu yookiin coollagu gochuu.

qaammacha ma.
GAO

Caama yookiin aduu o'ifacha.

qaammachisuu go.
GAO

Caama yookiin aduu O'ifachiisuu.

qaammachuu go.
GAO

Caama yookiin aduu o'ifachuu.

qaammee
GAO

"qaamee"ilaalaa.

Qaammee ma.
GAO

ji'a kudha sadaffaa akka lakkoobsa itoophiyaatti, kan guyyaa shan yookiin jaha qabu.

qaamsisuu go.
GAO

akka qaamu yookiin qaamamu gochuu; Callaa xaafiitti horii oofeeti qaamsise.

qaamuu 1 go.
GAO

afaaniin siphachuu yookiin afaan guutanii nyaachuu; Harreen daaraa qaamuujaallatti.

qaamuu 2 ma.
GAO

dhaqna agadaa kan irraa quncisan; Quncee agadaa dhiqxu malee qaamuu isaa hinnyaatin.

qaana'a ma.
GAO

qaaniin namatti dhaga'ama.

Qaana'aa ad.
GAO

dhiira qaaniin itti dhagayamu.

qaana'uu go.
GAO

balleesaan namatti dhagayamee ija namaa baachuu dadhabuu .ija laafuu,cabuu; Mucaan akka qaana'utti k...

qaaneffamuu go.
GAO

qaaniin namatti dhagayamuu; Hattichi waan qaaneffameef hannatti hindeebine.

qaanessuu go.
GAO

qaanii itti dhageessisuu; Arrabseeti obboleessa qaanesse.

qaanii ma.
GAO

balleessaa namatti dhagayamu, ija laafina, caba; Namni qaanii hin qaabne karaa irratti fincaa'a.

qaanoftuu ad.
GAO

(dubartii) kan qaaniin itti dhagahamu.

qaanqee ma.
GAO

xaaxee abiddaa, haanxii mukukkulaa kan abidda keessaa utaalee bawu;Qaanqeetu daara jalaa gube.

qaanteetii
GAO

"qaanqee" ilaalaa.

Sponsors