Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
Oolchuu 1 go.
GAO

1. guyyaa tokkoof tursiisuu. 2. oolaa yookiin maseena taasisuu. 3. hamaa jalaa baasuu.

oolchuu 2 go.
GAO

furgaasa ittii baasuu.

oolfacha ma.
GAO

irraa hambisa.

oolfachiisuu go.
GAO

akka hambifatu gochuu.

oolfachuu go.
GAO

waan barbaachisu baasanii hambifachuu; Qarshii dhibba baaseeti farda oolfate.

oolfannaa
GAO

"oolfacha" ilaalaa.

oolgaa ma.
GAO

akkaataa naxalaa, kutaa yookiin gaabii itti uffatan.

oolgachiisuu go.
GAO

akka oolgatu gochuu..

oolgachuu go.
GAO

gaabii, naxalaa yookiin kutaa gatiittii mirgaa yookiin bitaa irra oolchanii uffachuu.

oolmaa ma.
GAO

1. bakka oolanii galan. 2. hojii guyyaa tokko nama oolfatu. 3. lafa jedhan irraa hafiinsa; Beellama ...

oolmaayaa ma.
GAO

qarshii oolmaa guyyaa tokkoof dirgaawu.

ooluu go.
GAO

1. bakka deemuuf hedatan dhaquu dhiisuu. 2. oolaa ta'uu, maseenuu. 3. hamaa jalaa bawuu; Barumatu du...

oomacha
GAO

"hoomacha" ilaalaa.

oomecha
GAO

"hoomacha" ilaalaa.

oomisha ma.
GAO

waan qotamee yookiin warshaatti qopheeffamee callaaye.

oomoo ma.
GAO

daakuu saamuna, kan bishaanitti yoo naqan hoomachaawu.

oosa ma.
GAO

iyyisiisa yookiin gadoocha.

oosisuu go.
GAO

akka iyyu yookiin gadoodu gochuu.

oosuu go.
GAO

iyyisiisuu yookiin gadoochuu.

oota
GAO

"hoota" ilaalaa.

Sponsors