Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
Muddee ma.
GAO

ji'a Oromoo kan Sadaasatti aanu.

muddisiisuu
GAO

"muddamsiisuu" ilaalaa.

mudduu go.
GAO

akka ariifatu gochuu. jarjarsuu, muddama qaqqabsiisuu.

mudhii ma.
GAO

qaama qixxee handhuuraatiin naanna'ee harma dugdaatti jiru, bakka qabattoon yookiin sabbanni itti ma...

mudhudha
GAO

"mudhuka" ilaalaa.

mudhuka ma.
GAO

akka malee bilchina.

mudhukaa ad.
GAO

kan gar malee bilchaate.

mudhuksuu go.
GAO

akka mudhuku gochuu.

mudhukuu go.
GAO

gar malee bilchaachuu; Muuziin bilchina keessa darbeeti mudhuke.

mufaatii
GAO

"mufata" ilaalaa.

mufachiisuu go.
GAO

akka mufatu gochuu, dallansiisuu.

mufachuu go.
GAO

dafanii aaruu, dafanii, dallanuu.

mufata ma.
GAO

dallansuu wayi irraa namatti dhagahamu.

mugaatii ma.
GAO

hirriba  xinnoo; Mugaatiitu na qabe.

mugguchiisuu go.
GAO

akka muggutu gochuu.

muggutii ma.
GAO

falmii yeroo baay'ee bakka seeraatti namoota gidduutti godhamu.

mugoo ma.
GAO

1. ergisa mi'a kotte duudaa. 2. liqii.

mugootaa
GAO

"mugoo" ilaalaa.

muguu go.
GAO

1. yeroo xinnoof hirribni nama fudhachuu. 2. hirribni nama fudhachuu.

mujjaa
GAO

"muujjaa"  ilaalaa.

Sponsors