Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
mookfamuu go.
GAO

waan dharaa akka amanan godhamuu, gowwoomfamuu.

mooksa ma.
GAO

dhara dhugaa fakkeessa, gowwoomsaa.

mooksisuu go.
GAO

akka mooksu gochuu.

mooksuu go.
GAO

soba (dhara) dhugaa fakkeessanii nama gowwoomsuu; Nama mooksuu Rabbi hinjaallatu.

moona
GAO

"mooraa" ilaalaa.

mooqa ma.
GAO

daakuu bishaaniin qal'isanii waan akka dhadhaa, cooma wajjin bilcheessanii dhugan; Kan hinyeellaane ...

mooqqaa ma.
GAO

faldhaana keessattuu gaafa horii irraa, hojjetamee marqaa ittiin nyaatan; "waan haxumaan itti jiru m...

mooqqachuu go.
GAO

mooqa qopheeffachuu.

mooquu 1 go.
GAO

rnooqqaan bishaan asiifi achi dhahanii bidiruun akka bishaan irra deemu gochuu.

mooquu 2 go.
GAO

1. rnooqa qopheessuu. 2. waliin dhawuu, keessumattuu dubbii; Haasaa hinbeekne keessa galtee hinmooqi...

moora ijaa ma.
GAO

moora ija irratti biqilu, kan ija jaamsuu danda'u.

moora ilaaluu go.
GAO

moora irra ilaalanii waan abbaan horii sun gorra'e (moorri horii keessaa bay e) fuundurratti ta'u hi...

moora kalee ma.
GAO

moora bifti isaa gagaa fakkaatu yookiin gara booraatti gaalchu.

moora ma.
GAO

foon cooma akka kutaa naxalaa haphatu, kan yeroo baay'ee garaachaafi kalee uffisee irratti margu.

mooraa ma.
GAO

dallaa horiin itti galan yookiin keessa bulan, dallaa horii, moonaa, foonaa; "Odoo horiin hingalin, ...

mooree 1 ma.
GAO

bineentii fooliin ishii xiraawu, tan dafqi ishii qorichaaf barbaadamu, xirinyii.

mooree 2
GAO

"adurree" ilaalaa.

moortuu ad.
GAO

1. tan moorri yookiin coomni itti baayate, furdoo. 2. "mortuu" ilaalaa.

mooruu go.
GAO

baay'isanii turdachuu, gabbachuu. 2. "moruu" ilaalaa.

mooruu go. 1.
GAO

baay'isanii furdachuu, gabbachuu. 2. "moruu" ilaalaa.

Sponsors