Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
moggaasa ma.
GAO

maqaa baasa.

moggaasachuu
GAO

"moggaafachuu" ilaalaa.

moggaasamuu
GAO

"moggaafamuu" ilaalaa.

moggaasisuu go.
GAO

akka moggaasu gochuu.

moggaasuu go.
GAO

maqaa baasuu; Mucaa keetiif maqaa maal moggaafte?

moggee ad.
GAO

tan moggaa yookiin qarqara jirtu; Quba moggee, ilkaan moggee.

moggoo ad.
GAO

namoota maqaa tokkoon waamaman; Caaltuun Biqilaatiifi Caaltuun calaa walii moggoodha.

mogolchuu
GAO

"mogoluu" ilaalaa.

mogolee ma.
GAO

dhaabbii jilbaa ka'ee hamma miillaa jiru; Nama mogolee dheeratu surreen irraa bareeda. 2.hidda duuba...

mogoleen raafamuu go.
GAO

akka malee sodaachuu, hollachuu; Hatteeti dhufte moo maaliif mogoleen si raatama?

mogoluu go.
GAO

mogolee dhahanii hubuu; Re'ee dhibduu tana maaliif dhooftee hinmogolsine?

mogoroo ma.
GAO

wayyaa harkaan dhahame; Mogoroon dhoofsifadha jedheen jirbiin na hanqate.

Mohaammad ma.
GAO

nama amantii Islaamaa hundeessee barsiise, nabiyyii amantii Islaamaa.

mohachiisuu
GAO

"moo'achiisuu" ilaalaa.

mokaanintii ad.
GAO

ilmaan baalabbaataa(kan dur).

mokkorsiisuu go.
GAO

akka mokkoru gochuu.

mokkoruu go.
GAO

waan humna namaatii ol ta'e hojjechuuf yaalii gochuu; Ba'aa kana ol fuudhuu dandeessaa? Mee mokkori.

mokoroonii ma.
GAO

nyaata warshaa keessatti qamadii irraa qophaawu, kan shukkaan wawwaraananii nyaatan, kan keessi qaaw...

molgoo 1 ad.
GAO

loon gaafa hinqabne, qululluu.

molgoo 2 ma.
GAO

gosa nyaataa.

Sponsors