Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
mirmaduu
GAO

"birmaduu 1"  ilaalaa.

mirmirfachuu go.
GAO

jaalalaan akka namni biraa nama barbaaduuf of mumulIisuu.

mirmirsuu go.
GAO

akka mirmiru gochuu; Na waraanuufi eeboo natti mirmirse.

mirmiruu go.
GAO

olii gadi raafamuu, socho'uu, rom'uu.

misa ma.
GAO

akka gaariitti furdacha, irraa bareeda.

misaa
GAO

"misii" ilaalaa.

miseensa ma.
GAO

1 . nama jiruu tokko geggeessuuf waliin hojjetu. 2. gartuu dhaaba yookiin waldaa tokkoo nama ta'e.

miseensummaa ma.
GAO

miseensa ta' iisa.

misha ad.
GAO

waan nama gammachiisu, gaarii, bayeessa, dansaa.

mishingaa
GAO

"misingaa" ilaalaa.

mishira
GAO

"miisira" ilaalaa.

misii ma.
GAO

dhiyaana guyyaa, laaqana .

misikkirii ma.
GAO

ragaa baasaa, dhugaa baasaa, waan argeefi dhagaye nama ifa baasu, naqaashii, shaayidaa.

misilii ma.
GAO

fakkii bifaa yookiin suuraa.

misingaa ma.
GAO

1 . midhaan agadaa, kan ija baay' ee mataa gubbaatti godhatu, bisingaa. 2. ija misingaa (bisingaa).

misira
GAO

"missira" i laalaa.

misiraachii
GAO

"misiraachoo" ilaalaa.

misiraachoo ma.
GAO

1 .oduu gammachuu. 2.gammachuu durbi fuudhan durba ta' uu ittiin beeksisan. 3. fiiree dura gawu yook...

misirraa'uu go.
GAO

misirroo  ta'uu.

misirraawuu
GAO

"misirraa'uu" ilaalaa.

Sponsors