Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
mil'ataa ad.
GAO

tan mil'uudhaan ilaalu.

mil'attuu ad.
GAO

kan mil'uudhaan ilaaltu.

mil'uu ma.
GAO

ilaalcha al  tokkoo; Hamma mil'uu ijaatti jalaa bade.

milaanmilcha .ma.
GAO

dubbii dhaaba dhabsiisa.

milaanmilchiisuu go.
GAO

akka milaan milchu gochuu.

milaanmilchuu go.
GAO

dubbii dhaaba dhabsiisuu, mimmiliqsuu.

milaanmuchaa ad.
GAO

kan dubbiin isaa dhaaba hinqabne, seesaa .

milachiisuu go.
GAO

akka mil'atu gochuu.

milikkita
GAO

"mallattoo" ilaalaa.

miliqa ma.
GAO

ija jalaa dhokacha.

miliqaa ad.
GAO

kan ija jalaa dhokatu.

miliqsuu go.
GAO

akka miliqu gochuu.

miliquu go.
GAO

1. ija Jalaa dhokachuu. 2. otoo wal hinargiin wal jala darbuu.

miliyoona ma.
GAO

lakkoofsa kuma si'a kuma of keessaa qabu.

miliyoonii
GAO

"miliyoona" ilaalaa.

milkaawuu go.
GAO

abbaa milkii ta'uu, milkiin namaaf toluu.

milkeessuu go.
GAO

milkii  namaaf tolchuu.

milkii ma.
GAO

waan mallattoo carraa gaariiti yookiin mallattoo carraa gadheeti jedhamee amanamu.

milkiin hammaachuu go.
GAO

milkiin baduu yookiin gaarii ta'uu hafuu.

milkiin toluu go.
GAO

milkiin gaarii ta'uu, waan gaarii argachuu.

Sponsors