Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
miiccuu go.
GAO

bishaaniin (xurii irraa) qulqulleessuu; Uffata miiccuu laga bu'e.

miicuu
GAO

"miiccuu" ilaalaa.

miidhaa ma.
GAO

waan hamaa nama irraan ga'a.

miidhaga ma.
GAO

ijatti yookiin gurratti toliinsa; "Miidhagaafi miidhama walbiraa hindhaban."

miidhagaa ad.
GAO

kan ijaafi gurratti tolu, bareedaa.

miidhagduu ad.
GAO

Tan miidhagina qabdu, simbo qabeettii.

miidhagfachuu go.
GAO

ofiif akka miidhagu gochuu.

miidhagsiisuu go.
GAO

akka miidhagsu gochuu.

miidhagsuu go.
GAO

ijatti yookiin gurratti tolchuu, bareechuu; Miidhagaadha jettee namatti hinodeeffatiin.

miidhaguu go.
GAO

ijatti yookiin gurratti toluu,bareeduu.

miidhama afaanii ma.
GAO

jecha gadhee namni namaan jedhu, kan namatti dhagahamu.

miidhama deebisuu go.
GAO

qaama hubamsi irra gaye dhadhaan dhidhiibanii bakkatti deebisuu.

miidhama ma.
GAO

hubama dhaqnaa kan rukuttaa, tumiinsa yookiin hojii cimaa hojjechuudhaan namatti dhufu.

miidhamaa ad.
GAO

kan miidhamni irra gaye.

miidhamuu go.
GAO

1. miidhaan nama qaqqabuu. 2.  lubbuun keessaa bawuu, du' uu.

miidhuu go.
GAO

1. miidhama  irraan gawuu.  2. qooda namaa irraa hanqisuu.

miigara ma.
GAO

muka qaqal'aa kan ittiin dallaa, mana, w.k.f. Miidhan, maagara.

miigarsiifachuu go.
GAO

miigaraan qabsiifachuu, maagarsiifachuu.

miigarsiisuu go.
GAO

akka miigaru (maagaru) gochuu.

miigaruu go.
GAO

miigaraan qabsiisuu, maagaruu.

Sponsors