Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
mataa dhabuu go.
GAO

sammuun yaaduu diduu, dadhabaa ta'u.

mataa lafa kaa'uu go.
GAO

gaddi yookiin yaanni narnatti baay'atee lafa ilaaluu, mataa buusuu.

mataa ma.
GAO

1. qaama yookiin kutaa dhaqnaa addaa olii kan rifeensi irratti margu. 2. qaarna ittiin yaadan, sammu...

mataa milikfachuu go.
GAO

akka namni hammeenyaaf nama barbaadu nama hinagarretti of dhoksuu, bakka dhoksaa taa'uu.

mataan ulfaachuu go.
GAO

dhaqni namaa diriiruu diduu, dawwaawuu.

matta'aa ma.
GAO

kenna seera jallisuuf; garaa laaffifachuuf kennamu, gubboo.

mattaree ma.
GAO

gumaa yookiin ija mukaa kan heexoo garaa namaa keessaa baasu, qoricha koosoo (kan aadaa).

matumaa da.go.
GAO

mamii tokko malee, sirumaa; Matumaa inni hinbeeku.

maxaaquu
GAO

"madaquu" ilaalaa.

maxaara'uu go.
GAO

foyanii bareechuu, keessattuu fiixee baaqqee, gaabii. 2.bifti qulqullaa'ee bareeduu.

maxaarrii ma.
GAO

1. foyaa yookiin kirrii foyame. 2 . dubartii bifni bareedu.

maxaaruu
GAO

"foohuu 1" ilaalaa.

maxqachuu go.
GAO

marqaa tolfachuu.

maxxaanaa ad.
GAO

horii fe'umsaa Kan yaabbiif hintaane; Farda maxxaanaa yaabbateeti qaamni butute.

maxxana ma.
GAO

walitti hiiqa, itti hiiqa.

maxxanfachuu go.
GAO

1. akka itti maxxanu gochuu, itti siiqsuu. 2 . meeshaa maxxansaatiin ofiif akka maxxanfamu gochuu.

maxxanfamuu go.
GAO

1 . waan tokko waan biraatti akka maxxanu ta'uu. 2. meeshaa maxxansaatiin waraqata irratti maxxafamu...

maxxannee ma.
GAO

1. biqiltuu tiaara yookiin dhaqna namaa yoo tuqe itti qabatu. 2. naina yookiin dhaaba mataa isaa dan...

maxxansiisuu go.
GAO

1. akka itti maxxanu gochuu. 2. mana maxxansaatti qopheessisuu.

maxxantuu ma.
GAO

nama yookiin dhaaba biraa Jala galtee kan hojjettu, hirkattuu, galtuu.

Sponsors