Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
maskanbaa ma.
GAO

leematii xinnoo kan irratti waan akka akaayii nyaatan, maskambaa.

maskootii
GAO

"foddaa" ilaalaa.

masqala ma.
GAO

1. ayyaana orornoon ji'a Hagayyaa keessa kabaju. 2.ayyaana Habashaan Fulbaana bultii 17 kabaju.

masqalii ma.
GAO

1. jifaara mormaa kan meeta yookiin warqii irraa hojjetarnu. 2. muka wal qaxxaamure, kan mallattoo m...

mastiikaa ma.
GAO

karameellaa akka laastikii, hancaqee.

masubaa ma.
GAO

waan Islaamni mormatti keewwatu, maataba Islaamaa; Namoonni baay'een akka masubaa cidhaaf yaa'aa ool...

mata bokkee ad.
GAO

1. tan gara mataa guddattu. 2. gosa agadaa kan daraaraan mataa irraa daraaraa bisingaa walitti duude...

mata dhabeessa ad.
GAO

namni sammuun dadhabaa, kan yaanni namaa dafee isaa hingalle.

mata duree ma.
GAO

dura bu'aa,kan hunda caalu; Mata duree gaazexaa irratti yaada jajjabaa yerootu dhiyaata.

mata duudee ma.
GAO

gosa agadaa iji isaa walitti gobbatu.

mata jabeessa ad.
GAO

kan yaada kiyya duwwaatu dhugaadha jedhee namaan mormu.

mata jabeetti ad.
GAO

dubartii yaada namaa hinfudhanne, tan yaanni ishii duwwaan dhugaa itti fakkaatu.

mata jaboo
GAO

"omborii"  ilaalaa.

mata laafessa ad.
GAO

nama dafee yaada namaa fudhatu, ija laafessa.

mata laafettii ad.
GAO

dubartii daftee yaada namaa fudhattu, ija laafettii.

mata mataan da.go.
GAO

kopha kophaan, abbaa abbaan.

mata qabeessa ad.
GAO

nama beekaa, yaada cimaa qabu; Mata qabeessaaf yaanni dafee gala.

mata qabeettii ad.
GAO

dubartii sammuu qabdu, tan Yaada cimaa kennuu dandeessu, tan sammuun yaadu.

mataa baachuu go.
GAO

namaatti aaruu, mufachuu, namaan ooduu, mataa buusuu.

mataa dha'achuu go.
GAO

bowwoo hamaan namatti dhaga'amuu, mataan nama dhukkubuu.

Sponsors