Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
mancaasuu go.
GAO

waan badaa nama irraan gawuu, balleessuu, galaafachuu.

mandara ma.
GAO

bakka yookiin lafa manni bay'een walitti dhiyaatanii wal bira jiran, ganda, ambaa .

mandi'a
GAO

"mandiisa" ilaalaa.

mandiisa ma.
GAO

gunguma Waaqaa kan yeroo duumessi jiru dhaga'amu.

mandiisuu go.
GAO

1. sagalee akka Waaqa roobuuf adeemuutti dhageessisuu. 2. sagalee guddaa dhageessisuu.

mangaagaa ma.
GAO

1. lafee ilkaan irratti margu, gola afaanii, keessumattuu gara irraafi jalaatti kan argamu. 2.  ilk...

mangoo
GAO

"maangoo"  ilaalaa.

Mangoo 1 ma.
GAO

lakkoofsa guutuu hintaane, kan yoo lamaaf hiran gixxeetti hinbaane.

manguddoo
GAO

"manguddoo" ilaalaa.

manguddummaa
GAO

"maanguddummaa" ilaalaa.

manguddumnaa ma.
GAO

1 .Manguddoo ta'iisa, jaarsummaa. 2. namoota wal lolan araarsa.

manjalloo ma.
GAO

dhukkuba morma nama jallisu,

mankaraara ma.
GAO

dhiphina qabaacha,  cinqama.

mankaraaraa ad.
GAO

kan baay'ee dhiphina qabu, cinqamaa, rakkataa.

mankaraarsa ma.
GAO

rakkina agarsiisa,  dhiphisa.

mankaraarsuu go.
GAO

akka mankaraaru gochuu, dhamaasuu.

mankaraartuu ad.
GAO

tan dhiphina qabdu, rakkattuu, dhamaatuu.

mankaraaruu go.
GAO

gar malee dhiphachuu, dhama'uu, garmalee bu'anii  bawuu.

mannaa 1 ad.
GAO

tokko  irra wayyaawuu kan agarsiisu; Kana mannaa sana wayya.

mannaa 2 ma.
GAO

1. nyaata bara Musee Waaqni Israa'elootaaf kenne jedhamu. 2. daabboo qamadii kan xixinneessanii, ugg...

Sponsors