Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
mana fincaanii ma.
GAO

1. mana fincaan itti fincaa'an. 2. mana garaa ofii itti qulqulleeffatan.

mana foonii ma.
GAO

bakka foon itti gurguran.

mana hodhaa ma.
GAO

mana daarri yookiin uffatni  makiinaadhaan keessatti hodhamu.

mana hojii ma.
GAO

bakka itti hojiin geggeeffamu.

mana hoteelaa ma.
GAO

bakka nyaataafi dhugaatiin itti tajaaJilamu.

mana ma.
GAO

waan keessa jiraachuuf namni ijaarratu, Mana ijaarrachuun horiifi humna baay'ee gaafata.

mana maxxansaa ma.
GAO

baaa keessatti qixaa'ee bawu.

mana poostaa ma.
GAO

mana xalayaa gosa gosaa marmaarsuudhaan tajaajila kennu.

mana sagadaa ma.
GAO

bakka keessatti Waaga kadhatan.

mana uteelaa
GAO

"mana hoteelaa" ilaala.

mana yaa'ii ma.
GAO

mana sabni keessatti wal ga'u, galma.

mana yaalii ma.
GAO

mana namni keessatti dhibee wal'aannatu.

manaa baasuu go.
GAO

1. mana keessa akka hinjiraanne gochuu. 2. akka deemtu gochuu, of irraa ari'uu; Niitii manaa baasee ...

manaa bawuu go.
GAO

1. mana keessaa gadi bawuu. 2 mana dhiisanii deemuu.

manaa ma. du.
GAO

jecha iddoo agarsuusu; Manaa dhufe; Manaa bade.

manaaba ma.
GAO

waan hiriba keessa akka dhugaatti namatti mul'atu, abjuu.

Manca'uu go.
GAO

hamaan nama irra gawuu, du' uu.

mancaa ma.
GAO

meeshaa qotiisaa kan qabannoon isaa muka dheeraa, kan fiixee isaatti sibiili qara qabu itti kaawwamu...

mancaafamuu go.
GAO

waan badaan nama qaqqabuu, galaafatamuu, balleeffamuu.

mancaasisuu go.
GAO

akka mancaasu gochuu.

Sponsors