Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
maluu go.
GAO

1.mala barbaaduu; Namaaf waan ta'u malu. 2. hammeenya namatti yaaduu; Namatti maluun bayii miti.

mama ma.
GAO

amantii irraa dhabiisaan kan ka'e shakkii namatti dhaga"amu.

mamaa ad.
GAO

kan hakkii guddisu.

mamaaksisuu go.
GAO

akka mammaaku gochuu.

Mamii
GAO

"mama" ilaalaa.

mamiinsa ma.
GAO

mamiin namatti dhaga'ama.

mammaaka ma.
GAO

dubbii gabaabduu waan dubbatan akka dafee namaa galuuf ittiin fayyadaman.

mammaaksa
GAO

"mammaaka" ilaalaa.

mammaakuu go.
GAO

mammaaksaan haasa'uu, dubbii ofii keessa mammaaksa galchuu.

mammaksuu
GAO

"mammaaksisuu" ilaalaa.

mamsa
GAO

"mamiinsa" ilaalaa.

mamuu go.
GAO

amantii wayii dhabanii shakkuu; Nama hunda mamuun fira nama dhabsiisa.

Man'ee billaa ma.
GAO

qola billaan keessa taa 'u, kan gogaa horii irraa hojjetamu.

man'ee handaaqqoo ma.
GAO

qooxii handaaqqoon irratti galtu.

man'ee hantuutaa ma.
GAO

bakka hantuunni keessa jiraattu.

man'ee sarariitii ma.
GAO

kirrii sarariitiin ittiin waan lubbuu qabu qabdu.

man'ee sharariitii
GAO

"man'ee sararitii" ilaalaa.

mana baasuu go.
GAO

warra wal fuudhaniif waan barbaachisu kennanii kophaa jiraachisuu; Ilma isaa fuusisee mana baase.

mana barumsaa ma.
GAO

bakka barumsa itti argatan.

mana dhugaatii ma.
GAO

bakka dhugaatiin keessatti gurguramu.

Sponsors