Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
ilkaan dhalootaa ma.
GAO

ilkaan ijoollummaa,kan waggaa jahaan booda buqqa'u.

ilkaan fardaa ma.
GAO

1. ilkaan fardi baasu. 2. ilkaan akka ilkaan fardaa guguddatu.

ilkaan ma.
GAO

waan adii akka lafee kan irga yookiin hindiddii keessaa margu.

ilkaan maa'ilaa ma.
GAO

1. ilkaan wal irratti marge. 2. ilkaan rukutamee gurraacha'e.

ilkaan qaruu go.
GAO

1. ilkaan walitti riguu. 2. du'atti dhiyaachuu. 3. hedduu sodaachuu.

ilkaan tumachuu go.
GAO

irgo akka miidhagu waan akka lilmootiin waraananii cilee itti qabsiisuu.

ilkee ma.
GAO

1. "ilkaan"  ilaalaa. 2. ilkaan kanniisaa kan ittiin nama idditu.

illacha
GAO

"illee" ilaalaa.

illee ma.
GAO

qaama bitaafi mirga ijaatti argamu.

illeensa
GAO

"hilleensa"  ilaalaa.

illeentii
GAO

"hilleensa" ilaalaa.

illoona
GAO

"mooraa" ilaalaa.

ilma aayyaa ma.
GAO

1. obboleessa ofii. 2.maqaa masoo yookiin marartee.

ilma abaarsaa
GAO

ilma "badii" ilaalaa.

ilma argacbuu go.
GAO

haati manaa ilma namaa dawuu.

ilma badii ad.
GAO

ilma waan yaraa hojjechuudhaan warra gaddisiisu.

ilma bawu ad.
GAO

daa'ima gaafa guddate nama guddaa ta'a jedhanii yaadan.

ilma biyyaa ad.
GAO

nama biyya tokko keessatti dhalatee guddate. ilma godhacbuu "ilma argachuu" ilaalaa. ilma ilmaa ma. ...

ilma ma.
GAO

nama uumaan dhiira ta'e; Ilma hinguddifate malee niitii irraa hingodhanne.

Ioogii
GAO

"looga" ilaalaa.

Sponsors