Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
ijaaruu go.
GAO

1. waan akka manaa qopheessuu. 2. qindeessuu,dhaabuu; Waldaa barattootaa ijaare.

ijibbaachuu go
GAO

1. waan barbaachisu hunda godhanii yookiin yaalanii abdii kutachuu, irraa bawuu, garaa kutachuu. 2. ...

ijibbaata ma.
GAO

ba'anii bu'anii, dhama'anii abdii kutacha, irraa ba'a; ijijibbaata du'aa imimmaantu bu'a.

ijiruu
GAO

"iriguu" ilaalaa.

ijjattoo
GAO

1. bakka ijjatanii waan ta'e koran. 2. muka koroo yookiin dagalee,riqaa.

ijjettoo
GAO

"ijjattoo" ilaalaa.

ijji dhiiga uffachuu go.
GAO

waan ta'etti hara malee aaruu.

ijjuu go.
GAO

dhiirri dubartii yookiin dubartiin dhiira garmalee kajeeluu, eJjuu.

ijoo 1
GAO

"burqaa" ilaalaa.

ijoo 2
GAO

1. "ija mukaa" ilaalaa. 2. "bururii2" ilaalaa.

ijoo dubbii
GAO

"ija dubbii" ilaalaa.

ijoo mukaa ma.
GAO

1. dhiita mukni ba'uu. 2. qaama mukaa kan salphaatti hinbocamne.

ijoollee ma.
GAO

1. umrii xiqqoo kan qabu, daa'ima baay'ee, hedduu.

ijoollummaa ma.
GAO

1. umriin xiqqoo ta'iisa. 2, bilchina dhaba.

ikoonomii ma.
GAO

qabeenya biyyi ittiin Jiraatu, dinagdee.

ila
GAO

"ija 2" ilaalaa.

ilaaf ilaamee ma.
GAO

wal dhaggeeffacha, walii gala.

ilaala bawuu go.
GAO

1. tabba bawuu. 2. intala fuudhuu yaadanitti qubee yooKiin amartii keewwachuu, kaadhimachuu.

ilaala da.go.
GAO

1. "halaala" ilaalaa. 2. bakka wanti tokko irraa mul'achuu danda'u, bakka ol ka'aa, roggee; Ilaalatt...

ilaalamaa ad.
GAO

1. kan ijji irra bu'e. 2. maalummaan kan barame.

Sponsors