Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
huwwisa
GAO

"uwwisa" ilaalaa.

huwwisaa
GAO

"uwwisaa" ilaalaa.

huwwisiisuu
GAO

"uwwisiisuu ilaalaa.

huwwisuu
GAO

"uwwisuu" ilaalaa.

I,i
GAO

qubee Oromoo kan tarree salgaffaa irratti argamu.

iba ma.
GAO

1. waan ta'e akka ifa kennu gocha. 2. "beeksisa" ilaalaa.

ibfachuu
GAO

ibsachuu ilaalaa.

ibicha ma.
GAO

muka nadhaa  Jiidha mi'a manaa akka hubboo ittiin dhiqan, eebicha.

ibidda ma.
GAO

waan boba'ee ifaaf o'a kennu.

iblee ad.
GAO

nama seera darbee balleessaa hojjetu.

ibsaa ma.
GAO

1. waan boba'ee ifa namaa kennu. 2. da ee mukaa kan walitti hidhanii gaafa masqalaa, ukee, w.k.f. ib...

ibsachuu go.
GAO

1. ibsaa bobeessanii ifa argachuu. 2. ibsa kennachuu. ibsiisuu akka ibsu gochuu.

ibsuu go.
GAO

1. waan ta'e akka ifa kennu gochuu. 2. "beeksisuu" ilaalaa.

ici
GAO

"eci" ilaalaa.

ida'a
GAO

kan duraan irratti dabala.

ida'achuu go.
GAO

waan duraan Jirutti yookiin fudhatanitti dabalachuu.

ida'amuu go.
GAO

irratti aabalamuu.

ida'uu go.
GAO

kan duraan jirutti dabaluu; Kun gawuu baannaan siifan ida'a.

idaasisuu go.
GAO

akka ida'u gochuu.

idaayyaa ma.
GAO

nyaata misirroo, kan guyyaa gaa'ila ishee duukaa ergan.

Sponsors