Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
hurkuu go.
GAO

1. qorra baafachuu. 2. qorri nama dhiisuu, o'ifachuu.

hurmada
GAO

"hurmata" ilaalaa.

hurmaduu go.
GAO

kabaja yookiin ulfina kennuu.

hurmata ma.
GAO

kennaa argaaf, kabaJaaf yookiin ulfinaaf kennamu.

hurraa'aa ad.
GAO

kan caccabee unkutaa'e.

hurraa'uu go.
GAO

hurraa ta'uu.

hurree
GAO

"hurrii" ilaalaa.

hurreeesisuu. go.
GAO

akka hurreessu gochuu.

hurreeffachuu go.
GAO

hurraa godhachuu.

hurreeffamuu go.
GAO

hurraaa'uu, caccabuu.

hurreessuu go.
GAO

waan ta'e caccabsuu, hurraa gochuu.

hurrii baasuu go.
GAO

gadi qabaa jalaa baasuu, bilisummaa argachiisuu.

hurrii bawuu go.
GAO

bilisa bawu, bilisummaa argachuu, bilisoomuu.

hurrii ma.
GAO

duumessa adii jiidha qabu, kan gadi dhiyaatee yookiin ol fagaatee yeroo roobaa mul'atu; Yeroo hurrii...

hurrisuu go.
GAO

baay'atanii odoo wa hincitiin deemuu.

hurroo ma.
GAO

sagalee adurree ittin waaman.

hurrooftuu ad.
GAO

tan caccabdee hurrofte yookiin unkutoofte,

hurruuba ma.
GAO

sochii sirbaa.

hurruubduu ad.
GAO

dubartii hurruuba siirbitu.

hurruubuu go.
GAO

akka hurruubu gochuu.

Sponsors