Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
hodeessuu
GAO

"odeessuu" ilaalaa.

hodha ma.
GAO

1. xuuxa yookiin luuga harmaa, muchaa yookiin xuuxxoo; Jabbiin reefuu dhalatte ofumaan hodha baratti...

hodhaa ma.
GAO

1. mi'a migiraa kan akka qabee, gundoo, leematii. 2. akkaataa waa itti hodhamu.

hodhachuu go.
GAO

1.hodhaa qopheeffachuu. 2. waan moofa'e yookiin haaraa hodhuu.

hodhamuu go.
GAO

1. harmi, muchi yookiin xuuxxoon luugamuu, xuuxamuu; Harmi hodhame hindiriira. 2. garmalee nyaatamuu...

hodhisiifachuu go.
GAO

akka namaaf hodhu yookiin hodhitu gochuu.

hodhisiisuu go
GAO

akka hodhitu yookiin hodhu gochuu.

hodhituu ad.
GAO

1.tan hodhaa migiraa gopheessitu. 2. tan uffata qopheessitu yookiin suphitu.

hodhuu go.
GAO

1. harma, mucha yookiin xuuxxoo afaaniin luuguu yookiin xuuxuu. 2. hara malee nyaachuu, baay'isanii ...

hoduu ma.
GAO

waayee waan tokkoo waan namatti himan, haasa'an, dubbii, oduu.

hoffaa 1 ad.
GAO

 1.kan holqa ta'e kan keessi qaawaa. 2. kan dhaamsa hinqabne. 3 . kan humna hinqabne.

hoffachuu go.
GAO

1.hoffaa ta'uu. 2. garaa dhaba sodachuu.

hoffala ma.
GAO

cidha qopheessa odoo badii guddaan nama i hingayiin fiixa baya, rakkoo keessaa nagaan baha.

hoffalcha ma.
GAO

akka hoffalu gocha.

hoffalchuu go.
GAO

1.hoffalu gochuu. 2. eyyama kennuu, balleessaa irra darbuu.

hoffalti
GAO

"hoffala" ilaalaa.

hoffaluu go.
GAO

1. waa qopheessanii nama fiixa namaa bawuu. 2. rakkoo keessaa nagaan bawuu.

hoffannaa ma.
GAO

hoffa ta'iisa.

hoffeechuu
GAO

"hoffeessuu" ilaalaa.

hoffeessuu go.
GAO

akka hoffaa ta'u gochuu.

Sponsors