Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
haxaa'uu go.
GAO

1.nafa irraa yookiin mi'a irru huuba yookiin awwaara kaasu 2 .nafa dhadhaa, zayitii, w.k.f. xiqqeess...

haxaawwii.ma.
GAO

1."hara" ilaalaa. 2. nafa dibata ta'e diba. 3. baala lallaaftuu yookiin nuriyyii waan ta'een haxaa'a...

haxaayee
GAO

"haxaa" ilaalaa.

haxanxarii ma.
GAO

anfaara yookiin muka muramee damee isaa ta'e goge, kan dallaa ittiin ijaarratan.

haxaxee ma.
GAO

dhukkuba yeroo qufaan nama qabuuf ta'u namatti qorrisiisee hollachisuu, qaxqaxee.

haxeeraruu go.
GAO

baala irraa ciruu, maaxuu; Jimaa muka irraa haxeeraruun deema.

haxoofsifachuu go.
GAO

huuba yookiin awwaara wayi irraa harsiifachuu.

haxoofsisuu go,
GAO

akka haxaawu yookiin waan ta'e haru gochuu.

haxumaa ma.
GAO

muka mooqa, bulluqa, ittoo, w.k.f. ittiin sochosan.

hayyee ma.
GAO

bayidha jecha, tole Jecha; Hayyee haa deemnu, maal eegnaa?

hayyuu ad.
GAO

1.jaarsa beekumsa qabu, haqiila. 2. nama beekumsaafi muuxannoo gahaa qabu.

heda ma.
GAO

waan ta'e akeeka, barbaada, kajeela; Ajjeechaa hedeeti ajjeefame.

hedachuu go.
GAO

1. ofiif yaaduu. 2.ofiif kajeeluu, barbaaduu; Daa'imni yoo garaa namaa argite nama hedachuu hindhiit...

hedataa ad.
GAO

1.yaada ofiitiin kan of bulchu. 2. kan hubate.

hedattuu ad.
GAO

1.dubartii bultii ofiitiif dhamaatee bultu. 2. waan durbaaf dhufu akeektee kan ilaaltu.

heddummachuu go.
GAO

hedduu ta'uu, baay'achuu.

heddummeeffachuu go.
GAO

hedduu taasifachuu, baay'ifachuu.

heddummeessa ma.
GAO

1."hedduu" ilaalaa. 2. hedduu kan taasisu.

heddummeessuu go.
GAO

heddu taasisuu, baay'isuu.

heddummina ma.
GAO

hedduu ta'iisa, baay'ina; "Heddumminaaf titiisni qodaa hinbuqqistu."

Sponsors