Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
hafraasaa
GAO

"arfaasaa" ilaalaa.

haftuu ad.
GAO

durba yeroon heerumaa jala darbe.

hafuu go.
GAO

1.iddoo deemuu yaadan irraa ooluu. 2. waan hoJJetan dhumuu, fiixa bawuu diduu.

hafuura baafachuu go.
GAO

1 qilleensa afaaniifi funyaaniin baasuu. 2. namni dadhabbiin itti dhaga'me bayyanachuu.

hafuura baasuu go.
GAO

qarri irraa darbuu; Farsoon bule hafuura baasa.

hafuura geeddaruu go.
GAO

hafuurri nama xiraa'uu.

hafuura kutaa ma.
GAO

dhibee hafuura baafachuu nama dhowwu.

hafuura ma.
GAO

1.qilleensa afaaniifi funyaaniin bawu. 2. qilleensa karaa taa'umsaa bawu, dhuufuu.

hafuura naquu go.
GAO

waan ajaawu namatti uluu.

hafuura qabaachuu go.
GAO

waayee waan ta'ee beekuu yookiin dhagawuu.

hafuursuu go.
GAO

1.hafuura baasuu, dubbachuu. 2. dharaan maqaa namaa balleessuu.

hafuuruu go.
GAO

1. qilleensi o'uu, bulluquu, furuu.

haga 1 ma.
GAO

udaan garaa keessaa baasa.

haga 2 ma.
GAO

mana keessa iddoo yeroo baay'ee taa'an yookiin iddoo keessummaa itti keessummeessan.

hagabsiisuu go.
GAO

akka hagabsu gochuu.

hagabsuu go.
GAO

waan nyaatan dhowwatanii qoonqoo qabgiisuu, beelessuu, shoomessuu.

hagabuu go.
GAO

1.garaan duwwaa nama ta'uu, odoo hinnyaatin ooluu. 2. qoonqoon nama qabuu, beelawuu, shoomawuu.

hagadaa ma.
GAO

muka midhaanii kan yeroo alanfatan bishaan saa mi'aawu;Hagadaa shonkooraa, hagadaa miShingaa, hagada...

hagal da.go.
GAO

amma xiqqoo, amma maddee.

hagamaa ma.
GAO

gosa mukaa kan ija isaa. yookiin midhaan isaa nyaatamu, kan yeroo macalaqsan bishaansaa dhiiga fakka...

Sponsors