Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
furdachuu go.
GAO

foon baasuu, gabbachuu.

furdifamuu go
GAO

akka furdatu godhamuu soramuu.

furdisiisuu go.
GAO

akka furdisu gochuu.

furdisuu go.
GAO

sooranii gabbisuu; Soogiddi horii nifurdisa.

furfura'uu go.
GAO

akka furfuru gochuu; Bishaan itti jal'iseeti bo'oo furturse.

Furfurri
GAO

1.dhidhiita'a qaamaa 2 .walitti baayacha bishaanii; Furfurri dol'aa ceehuu hindhowwatu.

furfuruu go.
GAO

1. qaamni yookiin madaan dhidhiita'uu. 2. lagni baay'ifachuu jalqabuu; Arfaasaa keessa lagni furfuru...

furgaafachuu go.
GAO

furgaasaa hiikkachuu; Funyoon furgaafacee hubboon (okkoteen) cabe.

furgaafamuu go.
GAO

1. furgaasaan ittii baafamuu. 2. furgaasaan gadi lakkifamu.

furgaasaa ma.
GAO

1. gudunfaa kan osoo harkisan hiikkatu. 2. maqaa namaa.

furguggee ma.
GAO

ulee gabaabaa darbatanii ittiin wanta ta'e rukutan, murxuxxee.

furguggisuu go.
GAO

furguggee darbachuu.

Furma ma.
GAO

ji'a Amajjiitti aanu, Guraandhala.

furrii baafachuu go.
GAO

furrii funyaan keessaa qulqulleessu yookiin baasuu.

furrii fuudhuu
GAO

"furrii baafachuu" ilaalaa.

furrii ma.
GAO

xurii funyaanii yookiin waan adii wal harkisu kan funyaan keessaa bawu; Yeroo qufaan nama qabu furru...

furrisa ma.
GAO

qaccee dhagaa ittiin darbatan, biliingota; Furrisaan simbira bisingaa irraa eegu.

furrisuu go.
GAO

furrisaan waa darbachuu.

furroo ma.
GAO

qufaa kotte duudaa.

fursiisuu go.
GAO

akka furamu gochuu.

Sponsors