Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
foraanfoxeessuu go.
GAO

akka foraanfoxaawu gochuu; Garmalee sooraniiti mucaa foraanfoxeessan.

foroca ma
GAO

arrabaan dhugiisa; fufu, Foroca saree dhagayeeti hirriba irraa ka 'e.

forocamuu go.
GAO

arrabaan dhugamuu.

forocciisuu go.
GAO

akka  forocu gochuu; Adurree aannan forocciise.

forocuu go.
GAO

waan akka aannanii, itittuu, w.k.f., arrabaan olbutanii dhuguu.

fororsaa ma.
GAO

muka furdaa dheeraa hoggaa mana ijaaran yookiin wanta akka manaa ijaaran wayi irra kaa'anii irra dha...

fossoo
GAO

"foksoo" ilaalaa.

fottoqa ma.
GAO

irraa  kaacha.

fottoqaa ad.
GAO

damee muka irraa kaate.

fottoqee
GAO

"fottoqaa" ilaalaa.

fottoqsuu go.
GAO

irraa kaachisuu; Damee fottoqfateeti ijoollee rukute.

fottoquu go.
GAO

irraa kaachuu.

foyisa
GAO

"foksa" ilaalaa ..

fucha da.go.
GAO

miiltoo malee, qobaa; Waraabessa fucha ajjeesa.

fufa ma.
GAO

walitti gudunfa, itti dhahacha.

fufaa
GAO

"fufata" ilaalaa.

fufachiisuu go.
GAO

akka fufatu gochuu.

fufachuu go.
GAO

itti dhahachuu yookiin gudunfachuu.

fufamuu go.
GAO

walitti gudunfamuu.

fufata ma.
GAO

waan itti dhahatan yookiin fufan; Fufata fixeeti fooya dhiise.

Sponsors