Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
fooqaa ad.
GAO

nama ilkaan irraa dhume.

foorica ma.
GAO

sagalee afuura hoggaa hidhii walitti qabanii humnaan baasan dhagahamu; Foorica hattuu dhagayeeti hir...

fooricuu go.
GAO

sagalee qal'oo afuura hidhi walitti qabanii humnaan baasuudhaan dhageessisuu.

fooriya
GAO

"foorica" ilaalaa.

fooriyuu
GAO

"fooricuu" ilaalaa.

foosisuu 1 go.
GAO

1. waan akka funyoo walitti maxaarsisuu. 2.jirbii akka daara ta'utti qopheessisuu.

foosisuu2 go.
GAO

qobaatti baasisuu, filachiisuu.

footogiraafii
GAO

"footoo" ilaalaa.

footoo ma.
GAO

fakkii namaa yookiin bifa namaa takkaayis bifa waan adda addaa kan meeshaa kaameraa jedhamuun ka'u, ...

footuu ad.
GAO

dubartii jirbii fowuu beektu.

fooxaa ma.
GAO

uffata hoggaa qaama dhiqatan bishaan ofi irraa ittiin qoorsan; Fuula dhiqateeti fooxaadhaan qoorfate...

fooxana ad.
GAO

rifeensa mataa kan reefuu haadamee marge; Mucaa mataa fooxanaatu midhaan haame.

fooyuu
GAO

"foohuu" ilaalaa.

foqoqa ma.
GAO

1. hudduudhaan lafarra adeemsa. 2. suuta adeemsa.

foqoqsuu go.
GAO

akka foqoqu gochuu.

foqoquu go.
GAO

1. hudduudhaan lafa irra adeemuu. 2. suuta deemuu, jiruun nama jalaa siquu diduu.

foqoruu go.
GAO

1 . qobaa deemuu. 2. yaada namaa fudhachuu diduu; Namni dubbii namaa foqoruu baay'isu nama wajjin ji...

foraanfoxa ad.
GAO

furdina bareeda hinqabne.

foraanfoxaawuu go.
GAO

furdatanii bareeda dhabuu.

foraanfoxee Ad
GAO

dubartii furdina bareedina hinqabne qabdu.

Sponsors