Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
foksa ma.
GAO

bututtuu yookiin waan akka arrii mukaatiin haxaawa.

foksamuu go.
GAO

foksoodhaan haxaawamuu; Okoleen foksame aannan urgeessa.

foksoo ma.
GAO

quncee doobbil arrii multaa yookiin bututtuu mi'a aannani erga qoraasanii ittiin haxaawan,- Foksoon ...

foksuu go.
GAO

foksoodhaan haxaawuu. 2.sirriitti haxaawuu.

folama 1 ma.
GAO

gar malee nyaatama.

folama 2 ma.
GAO

gar malee arrabsama.

folloqa ma.
GAO

waan yartuu . (kan akka qolaa) .waan guddaa irraa baye  (ka'e),  folloqsaa; folloqni ejersaa jiidh...

folloqfachuu go.
GAO

folloqa irraa kaafachuu.

folloqsaa
GAO

"folloqa" ilaalaa.

folloqsiisuu go.
GAO

akka folloqsu gochuu.

folloqsuu go.
GAO

folloqa irraa kaasuu.

folloquu go.
GAO

folloqii irraa ka'uu.

foloda ad.
GAO

nama dubbii hinmi'oofne dubbatu, loqoda.

foloduu go.
GAO

dubbii  hinmi' oofne dubbachuu, qoosuu; Namni machaa 'e waanuma arge foloda.

folsiisuu go.
GAO

akka foluu gochuu.

foluu 1 go.
GAO

gar  malee nyaachuu; Cooma foleeti garaa isa dhukkube.

foluu 2 go.
GAO

garmalee arrabsuu; Wajageen isa folteeti aarsite.

fonqolcha ma.
GAO

1 .humnaan garagalcha; Fonqolcha gichaatu dhubbaa harkatti baase. 2. humnaan taayitaa irraa buusa.

fonqolchamuu go .
GAO

humnaan garagalchamuu.

fonqolchiisuu go.
GAO

akka fonqolchu gochuu.

Sponsors