Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
dhowwamuu go.
GAO

waan tokko akka barbaadan gochuu irraa qabamuu.

dhowwataa ad.
GAO

horii yookiin waan isaa kan hintuqsifne. 2. of tuqsiisuu yookiin waan ofii kennuu kan didu. 3. haall...

dhowwattuu.ad.
GAO

sa'a elmamuu diddu.

dhowwisiisuu go.
GAO

akka dhowwu gochuu.

dhowwuu go.
GAO

waan tokko akka hinhojjetamne yookiin akka hintaane sababa ta'uu, dhorkuu.

dhoyaa
GAO

"dhohaa" ilaalaa.

dhubbaa ad.
GAO

dhiitaa qabata hojiitiin harka yookiin miila irratti bawu, kan hindhukkubne.

dhubbisiisuu go.
GAO

dhubbaan akka itti bawu gochuu.

dhubbuu go.
GAO

1. gogaan miillaa yookiin harkaa hojii yookiin deemsa baay'ina irraa kan ka'e dhubbaa baasuu, majii ...

dhudha'a ma.
GAO

gocha dhugaatii utuu walittii hinkutin qoonqoo keessaan gadi dabarsan; Dhudha'a tokkoon aannan qabee...

dhudha'amuu go.
GAO

saffisaan liqimsamuu.

dhudhaasisuu go.
GAO

akka dhudhawu gochuu.

dhudhawuu go.
GAO

daddafani liqimsuu.

dhudhuma
GAO

"dhumdhuma" ilaalaa.

dhufa ma.
GAO

bakka biraatii ka'anii bakka asii ga'iisa;Dhufa kee kana namni hinjaallanne.

dhuffaalee ma.
GAO

gaala coomaa.

dhufuu go.
GAO

bakka biraatii ka'anii bakka asii ga'uu; Gama sanaa ka'eetu dhufe.

dhuga qabeessa ad.
GAO

nama dhugaa isaa haasa'u, kan waanti inni haasa'u soba hinqabne.

dhuga qabeettii ad.
GAO

nadheen dhugaa isee haasoftu, tan waanti iseen haasoftu soba hinqabne.

dhugaa ad.
GAO

kan soba hinta'in,sirrii; "Dhugaa dubbataniiti lafa namatti dhiite buluu wayya".

Sponsors