Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
Dhi'eenna
GAO

"dhi'eenya" ilaalaa.

dhi'eennatti
GAO

"dhi'eenyatti" ilaalaa.

dhi'eenya ma.
GAO

bakka fagoo hinta'in, kan bakka jiraatanitti kala'u. 2. yeroo achi hinfagaatin; Dhi'eenyuma biyya de...

dhi'eenyatti da. go.
GAO

yeroo dhiyoo keessa.

dhi'oo
GAO

"dhiyoo" ilaalaa.

dhi'otti da.go.
GAO

yeroo fageenya hinqabne, gara fuulduraatti, dhiyeenyatti.

dhi'uu go.
GAO

ifni aduu baduu. 2. biiftuun lixuu.

dhi’eeffachuu go.
GAO

waanuma ta'e ofitti siiksuu, 2. nyaata ofdura keewwachuu. 3. dhimma ta'e marta murtiitti geeffachuu.

dhiba ma.
GAO

gochaan yookiin dubbin rakkisa.

dhibaa ad.
GAO

rakkisaa, kan akka itti falan hinqabne; Dubbii dhibaa; Ilma dhima.

dhibaa'aa ad.
GAO

nama tapha guddisu. 2. nama hojii hinjaallanne.

Dhibaa'uu go.
GAO

1. hamma hojjechuu danda'anii gadi hojjechuu. 2. akkasumaan taphachuu.

dhibaafachiiauu go.
GAO

akka dhibaafatu gochuu.

dhibaafachuu go.
GAO

dhibaayyaa lafatti dhangalaasuu.

dhibaayyuu ma.
GAO

1. waan dhibaafatan. 2. dhugaatii waa kabajuuf qophaa'e, kan utuu hindhugin dura irraa dhangalaasan,...

dhibamaa ad.
GAO

1. kan dhukkubni hube. 2. kan hammeenyi garaa guute.

dhibamsiisuu go.
GAO

Akka dhibamu gochuu.

dhibamtuu ad.
GAO

tan dhibeen gar malee hube. 2. tan hammeenya garaadhaa qabdu.

Dhibamuu 1 go.
GAO

dhukkubni namatti dhaga'amuu.

Dhibamuu 2 go.
GAO

jiraachuu hafuu, dhabamuu.

Sponsors