Galmee Jechootaa Afaan Oromoo

Hiika Jechoota (Ramaddii: GAO)
14,032 Jechoota
dheeduu go.
GAO

marga yookiin wanta akka margaa horiin nyaachuu.

dheeffachuu go.
GAO

fudhatanii ittiin dheessuu, jalaa bawuu, baqachuu.

dheeffuu
GAO

"dheessuu" ilaalaa.

dheefsisuu
GAO

"dhiheessisuu" ilaalaa.

dheeftuu
GAO

"dheessituu" ilaalaa.

dheegee
GAO

"'eegee" ilaalaa.

dheekkamaa ad.
GAO

kan dheekkamuu baay'isu.

dheekkamaa hinqabnee ad.
GAO

kan nama sodaatu hinqabne, ofiin bulaa.

dheekkamaa ma.
GAO

aarii namatti dhaga'amu, kan dubbiidhaan ifa bawu, yookiin fuula namaa irraa mul'atu, oriisaa.

dheekkamachuu go.
GAO

firri ofii yammuu waan hintaane haasa'u yookiin yamuu hojjetu gorsanii yookiin rukutanii karaatti de...

dheekkamsiisuu go.
GAO

akka dheekkamu gochuu, aarsuu.

dheekkamsuu
GAO

"dheekkamsa" ilaalaa.

dheekkamuu go.
GAO

waan ta'etti aaruu, fuula ofii gurraachessuudhaan yookiin dubbiidhaan mul'isuu.

dheengada duuba da. go.
GAO

guyyaa lamaan darbaniin dura.

dheengadda da.go.
GAO

guyyaa kaleessaan achii.

dheensiauu
GAO

"dheessisuu" ilaalaa.

dheensifachuu
GAO

"dheessifachuu" ilaalaa.

dheensituu
GAO

"dheessituu" ilaalaa.

dheensuu
GAO

"dheessuu" ilaalaa.

dheeraa ad.
GAO

waan lama yammuu wal bira qaban kan dhaabbiin yookiin diriiruudhaan keessaa caalee mul'atu; "Nama dh...

Sponsors