Dr.YONA

Uss…uss..uss…iccitii sinitti himuufani callisaa. Tole, kanan sinitti himuuf ka’e waan addaa miti,marree maafan iccitiidha jedhee laata? Iccitiidha Kanaan jedheef kanuma beeknu sana yoo qorannoodhaan nuuf mirkanaa’u xiyyeeffannoo itti laachuu qabna jedheeni.Namni keenya duruu hattuu fi sobduu IJA keessa ilaaluun irratti beeku. Yeroo amma kana sobduu fi gantuun lafa guutte. Dharaan ragaa bahuuf M/murtii kan deemu meeqa? Aangaa’onni siyaasaa meeqatu televiziyoonaan as bahee dhara odeessa? Qarshiin kanfalameefii jedhi jedhamtee ani haadha abaluuti,abalu ilma kooti jechaa kan viidiyoodhaan waraaban hin agarree? Dubartii ilmi beelaan jalaa du’ee EBC fi BBC irratti yaada wal faallessu kennite hoo hin agarree? …….kan biraas kan biraas…..Bakka deemne marati soba dhagahuun waan haaraa miti.Kanaaf mee akkataa bu’aa qorannoo saayinsiitiin nama sobaa jiruu IJA qofa ilaaluun haala irratti beeknu danda’amu haa ilaallu:
NAMA SOBA JIRU/when someone is lying Bara 2010 A.L.A qorannoon lama akka addunyaati ,biyyoota 75 fi namoota afaan gosa 43 dubbatan irratti godhamee barreeffamni’JOURNAL OF CROSS CULTURAL PSYCHOLOGY’ jedhamu irratti maxxanfamee namootni sobaa dubbatan IJA isaanii irraa waanti beekkamu jira jedha
1.Namoonni sobaa jiran danda’anii IJA keessa si hin ilaalaan/Gaze aversion/ ..lafa ilaalu ykn ijaan gara biraa ilaalati sitti haasa’u. Kunis sababa sobni afaan isaanitiin dubbachaa jiran dhugaa sammuu isaanii keessa jiruun waan walitti bu’uuf aarii fi qaanii isaanitti uuma….ni ceepha’u.
2. Libsanaan IJA isaanii ni hir’ata/decreased blinkrate/…namni nagaa yoo haasa’u daqiiqaa tokko keessatti giddu-galaan yeroo 10 IJA isaa libsata. Namoonni sobaan hasa’aa jiraan libsanaan IJA isaanii daqiiqaa keessatti avireejiidhaan kanaa gadi. Kuni kan ta’uuf namni sobaa jiru sammuun isaa soba uumuuf/creating lie/ jecha sammuun Isaa yaada gara garaatiin guutama. Libsanaan ijaa ammoo ajaja sammuutiin waan too’atamuuf yeroo akkasii ni hir’ata.
Namoonni yeroo baay’ee sobudhaan beekkaman garuu iccitii armaan olii kana waan beekaniif akka irratti hin beekkamneef jecha faallaa kanaa agarsiisuu danda’u….kana jechuun IJA namati bobaasuu fi libsanaa ija’a isaaniis jijjiramuu danda’a. Har’aaf sobduu IJA ilaaluun akkamiin akka beeknu isiniti himeera, barreeffama biraatiin IJA qofa ilaaluun wantoota biraa kan beekuu dandeenyu isinitti hima. Adaraa keessan hin sobinaa! “Dhugaa dubbatanii ;iddoo namati dhiitetti buluudha” jedha mitii oromoon.
” Arrabni yoo sobu; iji hin sobu”
Source: medicaldaily.com
FAYYAA TA’AA!!

